Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan Kiyeevitti haleellaa diroonii raawwachuun gabaafame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Raashiyaan Kiyeevitti haleellaa diroonii raawwachuun aanga’oonni magaalatti beeksisan.
Haleellichi Xiyyaaraa namleessaa “Kaamkazee” jedhamuun raawwachuu ibsameera.

Guyyaa har’aa haleellaan magaalattiitti raawwatetti dabalataan naannawaa garaagaraatti dhohiinsii mudachuu RT’n gabaaseera.

Naannawaa giddugaleessaa Kiyeevitti haleellaan diroonii raawwatame bu’uraalee misoomaarratti kan qiyyaafate ta’uun gabaafameera.

Haleellichaan miidhaan dhaqqabee hanga ammaatti kan hinibsamne ta’uu gabaasichan eerameera.

Raashiyaan torban tokkoon dura magaalaa guddittii Yuukireen Kiyeevitti haleellaa misaa’elaan miidhaa olaanaa geessisuun ni yaadatama.

Haleellicha hordofees biyyoonni miseensa Dhaabbata Waadaa Waraanaa Atilaantikii Kaabaa (NATO) deeggarsa farra misaa’eelaa Yuukireeniif taasisan akka dabalan ibsaniiru.

Yeroo ammaa Moskoo fi Kiyeev Magaalaa Yuukireen naannawaa Doneeski dhiyootti waraana cimaa gaggeessaa jiraachuu ragaaleen ni mul’isu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.