Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan hojii meeshaa Niwukilaaraa gara Beelaarusitti dabarsuu xumuruun ibsame

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Raashiyaan hoji meeshaa Waraanaa Niwukilaaraa gara Beelaarusitti dabarsuu xumuruu Pireezidaantiin Beelaaruus Aleeksaandar Lukaasheenkoon dubbatan.

Lukaasheenkoon, Mana Maree Olaanaa Diinagdee Yuureezhiyaa irratti hirmaachuuf Seenti Peetisbargi galaniiru.

Ibsa miidiyaaleef kennaniin, Kireemiliin meeshaa waraanaa niwukilaraa Muddee gara jalqabaa bara faranjootaa 2023 dabarsitee xumuruu himaniiru.

Raashiyaan baay’ina meeshaalee waraanaa garasitti ergitee himuu baatanis, akka ragaan waajjira isaaniirraa argame mul’isutti haalli hunduu sadarkaa gaariirraa jiraachuu dubbachuu UPI gabaaseera.

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin biyyi isaanii Yuukireen waliin waraanaa gaggeessaa jirtuun meeshaa waraanaa niwukilaraa Beelaarus fageenya gabaabaarratti akka dhaabaan dubbachuun isaanii ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.