Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan hoggantoota olaanoo Ayarlaand 52 irra qoqqobbii keesse

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015(FBC)- Raashiyaan bakka buutotaafi hoggantoota olaanoo  Ayarlaand 52 irra qoqqobbii kaa’uu gabaafame.

Biyyattiin bakka buutotaafi hoggantoota olaanoo Ayarlaand 52 irra qoqqobbii kaa’uu  Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa beeksisuu RTn gabaaseera.

Raashiyaan aanga’oota biyyattii kanneen irra qoqqobbii kan isheen keesse ejjennoo farra Raashiyaa isaan tarkaanfachiisan hordofee ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Raashiyaa ilaalchisee hololli sobaa Ayarlaand tamsaasaa jirtu hariiroo biyyoota lameenii kan laaffisu ta’uus eerameera.

Anga’oota olaanoo Ayarlaand Raashiyaan qoqqobbii irra keesse keessaatti Muummeen Ministiraa, Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa, Ministirri Ministeera Dhimma Alaafi Ittaanaan Muummee Ministiraa hammatamuu gabaafameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.