Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan Giddugala oomisha Miisaa’ela Yuukreen barbadeessuu beeksifte

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Raashiyaan Giddugala oomisha Miisaa’ela Yuukreen dhiyeenya Keeyivitti argamu barbadeessuu beeksifte.

Haleellichi Yuukreen doonii waraanaa Raashiyaa miisaa’elaan rukutee dhidhimseera jechuu ishee hordofee yoo ta’u, Mooskoon Keeyiv irratti haleellaa dabalataa raawwachuu nan danda’a jechuun dhaadatteetti.

Haleellaa kanaan gamoon bulchiinsaa fi woorkishooppii giddugalichaarra miidhaa guddan gahuu gabaafameera.

Kanaan dura Raashiyaan Giddugala oomishaa miisaa’ela Yuukreen Yuukrooboorooproomii fi Neeptuun jedhaman oomishu haleeluuf miisaa’elawwan fageenyaa ishee fayyadamuu akka dandeessu ibsitee turte.

Anga’oonni Yuukreen haleellaa raawwate ilaalchisee miidhaa qaqqaberratti wanti jedhan kan hin jirre yoo ta’u guyyaa kaleessaa haleellaawwan miisaa’elaa lama Raashiyaarraa itti furguggifamuu ibsaniiru.

Maddi:- RT

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.