Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan Giddugala Ajaja Waraanaa Yuukreen barbadeessuu gabaafame

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Raashiyaan Giddugala Ajaja Waraanaa lafa keessaa Yuukreen miisaa’elaan  barbadeessuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Raashiyaa beeksise.

Akka ministeerichi ibsetti biyyattiin Giddugala Ajaja Waraanaa lafa keessaa Yuukreen Doontiiskitti argamu miisaa’ela Kiinzihaal jedhamuun barbadeessiteetti.

Haleellaa miisaa’elaa Doontiksitti raawwateen loltoonni Yuukreen 300 fi xiyyaarri waraanaa Yuukreen SU-27 haleelamuu ibsameera.

Waraanni Raashiyaa hanga ammaatti xiyyaarota nam-maleeyyii Yuukreen 441, taankiiwwan kuma 2 fi 132, rookkeettiiwwan 241 fi konkolaataawwan waraanaa kuma 2 fi 28 barbadaa’uu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa ibsuu Anaadooluun gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.