Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan farra Misaa’eelaa S – 400 jedhamu Hindiif erguu eegalte

Finfinnee, Sadaasa 5, 2014 (FBC) –Raashiyaan farra Misaa’eelaa S – 400 jedhamu Hindiif erguu eegaluu beeksiifte.

Niwuu Deelhiin dhimmicha waliin walqabatee qoqqoobbii Ameerikaarraa irra kaa’amuu danda’u cinaatti dhiisuun ittisa Misaa’eelaa kana bituuf waliigaluun kan yaadatamuudha.

Hindi bara Faranjootaa 2018 farra Misaa’eelaa S – 400 jedhamu Raashiyaarraa bituuf waliigaltee raawwatteerti.

Haaluma kanaan Hindi Raashiyaarraa Ittisa Misaa’eelii S – 400 jedhamu 5 Doolaara Biiliyoona 5.5niif bituuf waliigaltee mallatteessiteerti.

Ameerikaan Niwuu Deelhiin meeshaalee waraanaa kanneen bituuf waliigaltee Mooskoo waliin raawwatte akka adda kuttu akeekkachiisaa turuu ishee Anaadooliin gabaaseera.

Yaa ta’uutii Hindi qoqqoobbii Ameerikaan irra kaa’uu dandeessu cinaatti dhiisuun Misaa’eelicha galchuu eegalteerti jedhame.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.