Raashiyaan bulchiinsa Kuuriskii to’achuuf Loltoota Kooriyaa Kaabaa bobbaafte – Vooloodmiir Zalaniskii
Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) – Raashiyaan bulchiinsa Kuuriskii to’achuuf Loltoota Kooriyaa Kaabaa bobbaasuu Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zalaniskiin ibsan.
Raashiyaan loltoota Kooriyaa Kaabaa kanneen fayyadamuun bulchiinsa Kuursikiin to’achuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu Pireezidaanti Vooloodmiir Zalaniskiin himaniiru.
Raashiyaan loltoota Kooriyaa Kaabaa fayyadamaa jiraachuu ragaa qabatamaa arganneerra jedhan.
Loltoonni Kooriyaa kunneen lakkoofsaan hedduu ta’uu France 24 gabaaseera.
Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa, Piiyoongiyaang loltoota kuma 10 ol gara Raashiyaatti ergite jechuun himataa turuun kan yaadatamuudha.
#Oromiyaa #Ethiopia