Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan boba’aarraa galii Doolaara biiliyoona 98 argachuu gabaafame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Raashiyaan boba’aa gabaa alaaf ergiturraa galii Doolaara biiliyoona 98 argachuu gabaafame.

Biyyattiin waraanni Yuukreeniifi Raashiyaa erga eegalee boba’aa gabaa alaaf ergiturraa galii Doolaara biiliyoona 98 argachuu Giddugalli qorannoo Walabaa Inarjii fi qilleensaa Finlaanditti hundaa’e ibseera.

Gamtaan Awurooppaa Raashiyaarraa boba’aa  61% bituu gabaasa giddugalichaan eerameera.

Chaayinaan Doolaara biiliyoona 13.2n boba’aa Raashiyaarraa bituun dursa yoo qabattu, Jarman Doolaara biiliyoona 12.7’n fi Xaaliyaaniin Doolaara 8.2’n Raashiyaarraa boba’aa bituu TRTiin gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.