Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan boba’aa gara Awurooppaatti ergitu hir’isaa jirti jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Raashiyaan gara Awurooppaatti dhiyeessii gaazii boba’aa hir’isuu itti fufteetti.

Kubbaaniyyaan Raashiyaa guddichi Gaazpiroom sarara Noordi keessaa sararri dabarsa gaazii boba’aa tokko akka cufamuu beeksiseera.

Kun ammo gaazii boba’aa gara Awurooppaatti dhiyaatu daran hir’isa jedhameera.

Oomishaa mootaroota tarbaayinii gaazii kan ta’e kubbaaniyyaa Jarmaan Siimansiin, tajaajilaa suphaa yeroon kennuu dhabuu Gaazpiroom qeeqeera.

Kana hordofuun mootara 2ffaa buufata cuunfaa Poortoovaatti “Sababa teekinikaan” dhaabuuf murteessuu kubbaaniyyichi beeksiseera.

Oomishi buufaticha jirus kiyuubik meetirii miiliyoona 100 irra gara kiyuubik meetirii 67’tti hir’ateera jedhame.

Gaazpiroom akka jedhutti, sarara dabarsa gaazii Noordirratti, baay’ina dhiyeessii gaazii gama tokkoon jiru kiyuubik meetirii 167’rraa gara kiyuubik meetirii 100’tti hir’isa jechuun Zhinwan gabaaseera.

Bara Faranjootaa 2011 kan xumurame sararri dabarsaa Noordi inni tokko Kaabaa-Dhihaa Raashiyaa Magaalaa Viiborgi fi naannawaa qarqaraa Galaana Baaltiik Jarmanirraan kan argamuudha.

Sarara dabarsa gaazii jalqabaa kan tumsu sararri dabarsaa Noordi 2ffaan bara faranjootaa 2021’tti kan xumurame yoo ta’u, Raashiyaan Yuukireen waliin erga waraanatti seentee addaan kutteetti.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.