Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan bakka dhaloota Pireezidaantii Yuukreen misaa’elaan haleelte

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Raashiyaan bakka dhaloota Pireezidaantii Yuukireen Vilaadmiir Zeleniskiitti haleellaa misaa’eelaa olaanaa rawwaachuun ibsame.

Raashiyaan haleellaa rawwatteen hanga ammaatti lubbuun namoota 6 darbuun eerameera.

Haleelichi Magaalaa Gidduugala Yuukireen Kiirivi Riihitti raawwatamuu Aaanga’oonni magaalichaa ibsaniiru.

Akka ibsa Aanga’oota magaalichaatti haleellaa har’a ganama manneen jireenyaa irratti raawwatameen namoota 30 irraa miidhaa salphaan qaqqabuu ibsaniiru.

Pireezidaanti Zeleniskiin fuula Tiwitaraa isaaniin akka ibsanitti, lubbuu namoota haleellichaan darbaniif gadda isaanitti dhaga’ame ibsuun, maatii fi firoottaniif jajjabina hawwaniiru.

Yuukireen yoomiyyuu Raashiyaaf harka hinkenniitu kan jedhan Pireezidaanti Zeleniskiin Haleellaa misa’eelaa hundaaf Mooskoon itti gafaatamtuu taasifna jedhaniiru.

Haleellaa guyyaa har’aa raawwatame ilaalchisee Raashiyaan hanga ammaatti deebii kan hinkennine ta’uu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.