Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan Baha Sudaanitti buufata waraanaa ijaaruufi

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Raashiyaan Baha Sudaanitti buufata waraanaa ijaaruuf biyyattii waliin wixinee labsii malleessite.
 
Akka walii galtee wixinee labsii kanaatti Raashiyaan doonoota humna Niiwukleerii baachuu danda’an 4 naannoo waraanaa kana qubachiisuu dandeessi.
 
Dabalataan miseensoota humna galaanaa 300 naannoo buufata waraanaa kana qubachisuu akka dandeechu himameera.
 
Akka bu’ura labsii kanaatti Raashiyaan meeshaalee waraanaa garaagaraa buufata kanaaf dhiyeessuu dandeessi jedhame.
 
Meeshaaleen galchitus sakata’iinsarraa bilisa jedhameera.
 
Raashiyaan gama isheen deeggarsa ogummaa farra riphee lolaa Sudaaniif ni taasiifti jedhame.
 
Kaayyoon ijaarsa buufata waraanichaa biyyoota biroo waraanuuf osoo hin taane naannichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf ta’uu ibsameera.
 
Biyyoonni lameen bara bulchiinsa Oomaar Hasan Albashir hariiroo waraanaa waggoota 7f turu walii mallatteessuun isaanii kan yaadatamudha.
 
Maddi:-The Moscow Times
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.