Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan Abbaa Murtii Mana Murtii Yakkaa Idil Addunyaa irratti ajaja hidhaa baaste

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)-Raashiyaan Abbaa Murtii Mana Murtii Yakkaa Idil Addunyaa kan akka Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin to’annoo jala oolaniif baasee irratti Ajaja hidhaa baaste.

Abbaan Murtichaa baatii Faranjootaa darbe Pireezidaantii Puutiin irratti himannaa yakka meeshaalee waraanaa dhiyeessuu tajaajilli oduu Raashiyaa Taas jedhamuu gabaaseera.

Akka gabaasichatti, Abbaan Murtii Saarjiyoo Ugaaldee Godineez jedhaman guyyaa har’aa irraa eegalee maqaan isaanii toora namoota “Ni barbaadamu” jedhu keessaatti tarreeffamuun ibsameera.

Abbaan murtichaa tarree warra ni barbaadamu keessa wayita galan dhaabbaticha keessa nama 2ffaa ta’uun eerameera.

Manni Murtii Yakkaa Idil Addunyaa yakkamtoota kanaan dura Pireezidaanti Vilaadmiir Puutiinii fi Koomishinara Waajjira Pireezidaanti Maariyaa Liivoovo Beeloovaarratti himannaa daa’immaan dhibbatti lakkaa’aman karaa seeraan alaan Yuukireen irraa akka baqqatan taasisan jedhuun Ajajaa hidhaa dabarsuu hordoffee Raashiyaan Ajaja hidhaa gamaa isheen dabarsiteetti.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.