Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa kophaatti baasuuf biyyoonni yaalan of dhamaasaa jiru-Putiin

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Raashiyaa kophatti baasuuf biyyoonni yaalaa jiran of dhamaasaa jiru jedhan Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin.
Putiin fooramii diinagdee Eeshiyaa-Awurooppaa irratti haasawa taasisaniin, Raashiyaa kophaatti baasuu fi fottoqsuun kan hin danda’amneedha jedhan.
Biyyoonni Raashiyaarratti shira xaxaa jiran of miidhu jedhan Preezdaant Putiin.
Addunyaarraa Biyyoonni dinagdeen badhaadhaan yeroo ammaa qaala’iinsa gatii fi hoji dhabdummaa jabaa keessummeessaa jiraachuu eeraniiru.
kunis sirna diinagdee fi hariiroo siyaasaarratti dhiibbaa uumaa dubbataniiru.
Raashiyaa dadhabsiisuudhaaf qoqqobbiiwwan kaa’amanii fi uggurri jiru faayidaa kan hin qabneedha jechuun Putiin dubbachuu isaanii Zhiinwaan Gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.