Raashiyaa fi Yuukreen sarara daddabarsa namoomaa qopheessuuf waliigalan
Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Raashiyaa fi Yuukreen walga’ii 2ffaa guyyaa kaleessaa Beelaaruusitti gaggeessaniin lammiileen naannawaa waraanaa keessaa akka ba’aniif sarara daddabarsa namoomaa qopheessuuf waliigaluu gabaafameera.
Lammiilee nagaa naannawaa waraanaa keessaa baasuu fi deeggarsa namoomaa akka argatan taasisuuf waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uu gorsaan Preezdaantii Yuukreen Maaykaahiiloo Poodooliiyaak gama Twiitara isaaniin beeksisaniiru.
Sararichi lammiilee nagaa miidhaa waraanaarraa baraaruuf kan banamu ta’uu eeraniiru.
Bakka bu’oonni biyyoota lameenii dhimmoota waraanaa, namoomaa fi walitti bu’iinsichaaf furmaata siyaasaa kennuun haala danda’amurratti mari’achuu dursaan garee jila Raashiyaa Vilaadmiir Meediinskii ibsaniiru.
Marichaan dhimmoota tokko tokkorratti waliigalteerra ga’uu eeruun dhimmoota namoomaarratti waliigalteerra ga’uun guddina guddaa ta’uu kasaniiru.
Mariin nageenyaa marsaa 3ffaan yeroo dhiyootti gaggeeffamuu akka danda’u CGTN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.