Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Yuukreen mariisaanii gama Viidiyoo Konfiransiin kan itti fufan ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)- Bakka buutonni Raashiyaa fi Yuukreen mariisaanii gama Viidiyoo Konfiransiin kan itti fufan ta’uu dubbii himaan Kireemliin Diimiitirii Peeskoov ibsan.

Maricharratti gorsaan Preezdaantii Vilaadmiir Puutiin Vilaadmiir Meediinsikiin jila Raashiyaa dursuun kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Marichi guyyaa har’aa sa’aatii 10:30 kan eegalu ta’uu bakka bu’aan jila Yuukreen Deeviid Araakaamiiyaan eeraniiru.

Preezdaantiin Yuukreen Vooldiimiir Zalaniskiin bakka buutonni Keeyiv hoggantoota Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti marii milkaa’aa taasisuuf tattaaffii gochuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin guyyoottan dura Preezdaantii Faransay Imaanu’eel Maakrooni fi Chaansilara Jarman Oolaaf Shools waliin gama bilbilaan haasaa taasisaniin guyyoota dhiyoo keessatti Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti mariin gama Viidiyoo Konfiransii taasifaman kan jiraatan ta’uu ibsanii turan.

Raashiyaa fi Yuukreen hanga ammaatti fuulaa fuulatti mariiwwan sadii Beelaaruusitti kan gaggeessan yoo ta’u mariiwwan kunneen waliigaltee malee xumuramuu CGTN gabaasera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.