Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Tuurk dhukaasa Idiliib dhaabuuf waliigaltee haaraarra ga’an

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC0 – Raashiyaa fi Tuurk dhukaasa Sooriyaa Idiliib dhaabuuf waliigaltee haaraa hojirraa oolchuu eegalaniiru.

Mooskootti preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmeer Puutiinii fi gitni isaani Tuurk Reesiip Xaayiip Erdoohaan waliigalticharra ga’aniiru.

Waligaltichi finciltoota Tuurkiin deeggeramani fi loltoota mootummaa Alaasaadii Raashiyaan deeggeraman itti fufiinsaan waraana hamaa erga taasisaanii booda jedhame.

Bu’uura waliigaltichaan loltoonni Raashiyaa fi Tuurk iddoowwan waliin to’atan, akkasumaas bakkeewwaan sochii loltummaa irraa bilisa ta’uu qaban adda ba’aniiru.

Idiliib qabeenya finqiltoota Sooriyaa taatuus, iddicha to’achuuf loltoonni Baashiir Alaasaadi irra deddeebiin haleellaa qaqqabsiisaa turaniiru.
Waliigaltichaan dura haleellaa qaqqabeen loltoonni Tuurk 60 ta’an ajjeefamaniiru.
Walitti bu’iinsi finciltootaa fi loltoota Baashiir Alaasaad gidduu jiru biyyattiitti miidhaa naamoomaa qaqqabsiisera jedhame.
Tuurk waliigaltee dhukaasa dhaabuun dura haleellaa duub deebii loltoota Sooriyaarratti fudhatteen loltoota Sooriyaa 21 ajjeesuu fi meeshaalee jajjaboo barbadeessuu ishee ibsameera.
Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.