Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Iraan maallaqaa ofii isaaniin walitti daldaluufi

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Raashiyaa fi Iraan Awurooppaatti gama “Iswiiftiin” daldalaa raawwachaa turan dhiisuun maallaqaa ofii isaaniin walitti daldaluuf murteessuun gabaafame.

Biyyoonni lameen kallattiin maallaqa ofii isaaniin walitti daldaluu utuu danda’anii Doolaaraa fi Yuuroo hineegganuu jechuu isaanii Tajaajillii Oduu Farsi gabaseera.

Itti Gaafatamaan Baankii Gidugaleessaa Iraan Mohisan Kaariimaa akka jedhanitti, biyyoonni lameen daldala isaanii sirna gama baankii isaaniin diriirfameen raawwachuu danda’u.

Kana boodas harka lafa jalaan walitti daldaluuf Awurooppaa akka hinbarbaannee RT’n gabaaseera.

Iraan daldalaa alaa isheen oomishaalee bahii fi galii Raashiyaatti ergitus Riyaala biyyattiin akka fudhattuu fi Raashiyaanis Daldala ishee Ruubleen akka raawwattu himameera.

Raashiyaan waraana Yuukireen waliin eegaltee hordofee baankonni ijoo biyyattii sirnaa fi daddabarsa maallaqaa idil addunyaa keessaa baafamuun ibsamera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.