Fana: At a Speed of Life!

Raadiyoo qunnamtii ajaja Kaabaa butuun kan shakkaman ajajoonni jenaraalaa 7 mana murtiitti dhiyaataniiru

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Raadiyoo qunnamtii ajaja Kaabaa butuun kan shakkaman ajajoonni jenaraalaa 7 mana murtiitti dhiyaataniiru.
Hogganaa Kominikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jenaraal Gabramadiin Fiqaaduu dabalatee yakka biyya ganuu fi heera mootummaa diiguu yaaluun kan shakkaman hoggantoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa mana murtiitti dhiyaataniiru.
Mana murtiitti kan dhiyaatan Hogganaa Kominikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jenaraal Gabramadiin Fiqaaduu, Ajajaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa Meejar Jenaraal Yirdaw Gabramadiin, Hogganaa Misooma Humna Namaa Ajaja Kibbaa Birgaadeer jenaraal Gabrayohaannis Saarsiniyoos, Hogganaan Damee Odeeffannoo ajaja Kibbaa Birgaadeer jenaraal Insuu Iphaajoo Rashoon dabalatee yakka biyya ganuu fi heera mootummaa diiguu yaaluun kan shakkaman hoggantoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa mana murtiitti dhiyaataniiru.
Poolisiin Federaalaa shakkamtoonni kunneen imaanaa mootummaa fi ummata itti laatame cinaatti dhiisuun garee badii teessoo isaa naannoo Tigraay taasiserra ergama fudhachuun raayyaa ittisa biyyaa Iizii Kaabaatti gaafaa Onkololeessa 24, 2013 raadiyoon qunnamtii akka adda citu taasiisaniiru jedhuun ibseera.
Kanaanis raayyaan ittisa biyyaa akka wal hin qunnamne, walitti hin makamne, waraanicharraa balaan du’aa, miidhaan qaamaa akka qaqqabuu fi meeshaaleen waraanaa akka saamamu taasiisaniiru jechuun Poolisiin dhaddachaaf ibseera.
Manni Murtichaas yakki raawwatame ulfaataa fi nageenya biyyaarratti miidhaa guddaa geessisuu danda’uudha jechuun Poolisiif guyyaa qorannoo 14 eeyameera.
Taariik Addunyaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.