Raabsii fi dhiyeessiin xaa’oo seera alummaaf akka hin saaxilamne hojiin diijitaalessuu hojjetamaa jira – MQ
Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) – Raabsii fi dhiyeessiin xaa’oo biyyoo seera alummaaf akka hin saaxilamne hojiin diijitaalessuu hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Dhiyeessii fi Raabsi xaa’oo biyyoo seera alummaaf akka hin saaxilamne, akkasumas rakkoolee sirna bittaarratti mudatan furuuf hojiin adeemsicha ammayyeessuu fi diijitaalessuu hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaan ibsaniiru.
Hojiin raabsuu fi dhiyeessuu kallattii xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu hordofee Sooftiweeriin adeemsicha tumsu gabbachaa jiraachuu Dooktar Soofiyaan eeraniiru.
Sooftiweerichi akkaataa fedhii qonnaan bulaan hamma lafaa fi akaakuu oomishaa kan mirkaneessu ta’uu kaasaniiru.
Yeroo ammaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti yaaliif hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.
Sanada qophaa’eerratti mariin taasiifamaa jiraachuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa