Fana: At a Speed of Life!

Raabsi meeshaalee filannoo guyyoota lamaan dhufan keessatti ni xummurama – Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Raabsi meeshaalee filannoo guyyoota lamaan dhufan keessatti kan xummuramu ta’uu Boordii Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiise.
Boordichi hojii qophii meeshaaleen filannoo ittiin gaggeeffamuu ogeeyyii miidiyaalee daawwachiiseera.
Naannolee meeshaaleen filannoo qaqqabanitti raawwachiiftoota filannoo kuma dhibba 1 fi kuma 50f leenjii kan laatu ta’uu ibseera.
Hojiilee hojjetamaa ture keessatti hoggantoonni naannoolee deeggarsa olaanaa taasisaa turuus boordich ibseera.
Leenjiin haala sagaleen itti laatamu kennuu fi hojiin meeshaalee sagalee itti laatamuu naannoleef raabsuu hojjetamaa jiraachuu eereera.
Rakkoon meeshaalee filannoo geejjibsiisuu keessatti muudatee kan hin jirre ta’uu Boordichi ifoomseera.
Filannoon Biyyaalessaa marsaa 6ffaan Waxabajjii 14, 2013 akka gaggeeffamu ibsamuun kan yaadatamuudha.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.