Fana: At a Speed of Life!

Qurxummiin Raashiyaaf basaasaa ture jedhame du’ee argame

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC)- Qurxummiin guddichi ‘Weel’ jedhamuuun beekamu Raashiyaaf basaasa ture jedhamee shakkamu qarqara galaana Norweeyitti du’e argamuun gabaafame.

Qurxummichi maqaa masoo ‘Hivaaldimiir’ jedhamu kan qabu yoo ta’u, du’aan isaa qarqara Magaala Norweey Risaavikaa jedhamtuutti argamuun qorannoof fudhatamuun himameera.

‘Hivaaldimiir’ waggaa shan dura bishaan qarqara Norweey keessatti mul’atee akka turee fi kaameeran irratti hidhamee tureen ibsameera.

Meeshaa kaameerichaarratti barreeffamni “Meeshaa Seenti Piitasbargi” jedhu akka qabu eerameera.

Kanarraa ka’uun gosti qurxummii kun Raashiyaaf basaasuu akka hinoolle kan shakkisiisuu ta’uu BBC’n gabaaseera.

Dhaabanni Marine Mindi jedhamu, kan reeffa qurxummichaa argee fi sochii qurxummichaa waggootaaf hordofaa ture sababni du’a qurxummichaa akka adda hnba’iin ibsee turuun ni yaadatama.

Gosti qurxummii Weel kun umrii hanga 60 jiraachuu akka danda’uu fi Raashiyaan bineensota akka qurxummii Doolfin fa’aa leenjisuun waraana fi basaasaaf itti fayyadamuun akka beekamtu ibsmeera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.