Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinni kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee Siviil Sarvisii keessatti kannamuu qaama bilisaan madaalamuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Qulqullinni kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee Siviil Sarvisii keessatti kannamuu qaama bilisaan madaalamuu akka qabu Komishiniin Siviil Sarvisii Federaalaa beeksiseera.

Komishiniin Siviil Sarvisii Federaalaa fi Dhaabbannni Badhaasa Qulqullinaa Ityoophiyaa dhimmoota garaagaraarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigalticha Ittaantuun Komishinaraa Komishinii Siviil Sarvisii Federaalaa aadde Simmany Wubee fi Hojii raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Badhaasa Qulqullinaa Ityoophiyaa Obbo Teewodiroos Mabiraatuun mallatteessaniiru.

Komishinichi manneen hojii mootummaa keessatti tajaajila qulqulluu, saffisaa fi dhaqabummaa qabu lammiileef kennuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu, Aadde Simmany Wubee eeraniiru.

Qulqullinni kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee Siviil Sarvisii keessatti kennamu qaama bilisaan madaalamee mirkanaa’uu akka qabus himuu TOI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.