Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinni barnootaa Dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa tokko tokko keessatti muul’ate yaaddessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC) – Qulqullinni barnootaa Dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa tokko tokko keessatti muul’ate sadarkaa yaaddessaarra ga’uu ibsameera.
Qulqullinni barnootaa Dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa tokko tokko keessatti muul’ate sadarkaa yaaddessaarra ga’uu Ministeerri Saayinsii fi dhaabbilee barnootaa olaanoo fi Ejansiin qulqullinaa barnoota sadarkaa olaanoo ibsaniiru.
Dhaabbileen kunneen qulqullina barnootaa dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa ilaalchisee marii gaggeessaniiru.
Waggoottan darbanitti lakkoofsi dhaabbilee bartootaa olaanoo dhuunfaa dabalus hanqinni qulqullinaa jiraachuu marichaan ka’eera.
Yeroo ammaatti dhaabbileen barnootaa olaanoon dhuunfaa 278 ga’uu ragaan Ejansii qulqullinaa barnoota sadarkaa olaanoorraa argame ni muul’isa.
Daayreektarri olaanaan Ejansichaa Dooktar Andu’aaleem Admaaseen qulqullinni barnootaa dhaabbilee olaanaa dhuunfaa keessatti laatamaa jiraan yaaddessaa ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbileen tokko tokko barattoota kutaa 10ffaatti barnoota adda kutaniif Digirii laachaa jiraachuu ibsuun, namoonni dubbisuu fi barreessuullee hin dandeenya Digirii fudhachaa jiraachuu himaniiru.
Dhaabbileen tokko tokko ammoo beekkamtiin osoo hin laataminiif barsiisaa jiraachuu fi lakkoofsa barattoota eeyyamameefi ol barsiisaa akka jiran dubbataniiru.
Dooktar Andu’aaleem dhaabbileen kunneen gochaa seeraan alaa kanarraa of qusachuun gara sarara siriitti deebi’uu akka qaban yaadachiisaniiru.
Mootummaa fi dhaabbileen dhuunfaa rakkoolee jiran furuuf tattaaffii taasiisuu akka qaban Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqattoon ibsaniiru.
Ministeerichi qulqullina barnotaa mirkaneessuuf Imaammataa fi Tarsiimoon kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.