Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinaa fi nageenyummaa oomishaalee gabaaf dhiyaataan mirkaneessuuf to’annoo cimaan taasifamaa jira

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)- Ayyaanaan walqabatee qulqullinaa fi nageenyummaa oomishaalee gabaaf dhiyatanii mirkaneessuuf to’annoo fi hordoffii cimaan gaggeeffamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa beeksise.

Jijjiirra bara haaraa 2016 ilaalchisuun namoota gochaalee yakkaa bittaa fi gurgurtaarratti raawwatan hordofuu fi to’achuun seeraan itti gaafatamtoota taasisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitichaa eereera.

Inispekshiniin Dhaabbilee Oomishtoota Nyaataa Abbaa Taayitichaa Ayyaneewu Andaargee akka ibsanitti, qulqullinaa fi nageenyummaa oomishaalee gabaa ayyaanaaf dhiyaatanii mirkaneessuuf hojiin to’annoo fi hordoffii gaggeeffamaa jira.

Baay’inaan oomishalee bal’inaan bittaa fi gurgurtaaf dhiyaatan, naannawaa itti oomishamaniitti qaamolee dhimmichi ilaallatu garaagaraa waliin ta’uun to’annoon qulqullinaa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessumaa oomishaalee nyaataa fi nyaataan walqabatan irratti hojiin to’annoo fi hordoffii qindoominaan gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hawaasnis oomishaalee shamatatu eeggannoon ilaaluu akka qabu Obbo Ayyanawu ibsanii, keessumaa oomishaalee indaastirii gabaaf dhiyaatan guyyaa fayyadama isaanii sirnaan ilaaluun bitachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Wayita bittaa fi gurgurtaattis wantoota shakkisiisoon mudatan karaa sarara bilisaa abbaa taayitichaa 8482’n beeksisu yookaan qaamolee nageenyaaf odeeffannoo kennuu akka qaban dhaamuu TOI gabaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.