Fana: At a Speed of Life!

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf dhaabbilee barnootaa dhuunfaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira – B/M/Shaggar

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Shaggar qulqullina barnootaa mirkaneessuuf dhaabbilee barnootaa dhuunfaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu beeksiiseera.

Akka magaalaa Shaggaritti manneen barnootaa dhuunfaa 730 hojii barnootarratti bobba’uun barattoota kuma 48 ol barsiisaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Banootaa Bulchiinsa magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahuun Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Dhaabbileen kunneen qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu kaasuun, akka magaalichaatti manneen barnootaa dhuunfaa uwwisa barnootaa % 75 ol kan uwwisan ta’uu dubbataniiru.

Manneen barnootaa kunneen harki caalu sadarkaa gaarirratti kan argaman ta’uu kaasaniiru.

Manneen Barnootaa dhuunfaa bulchiinsa magaalichaa keessatti argamanirratti qorannoo gaggeeffameen rakkooleen jiran adda ba’uu isaanii eeraniiru.

Istaandardii guutanii barsiisuurratti rakkoon jiraachuu, Sirna barnootaa naannoo Oromiyaan barsiisuu dhabuu, afaan naannichaan barsiisuu dhabuu, dhiyeessii Kitaabilee fi maatii barattootaa waliin qindoominaan hojjechurratti hanqina qabaachuu isaanii qorannoon mirkanaa’uu Obbo Firakiyyaan kaasaniiru.

Qorannoo gaggeeffame bu’uura godhachuun manneen barnootaa 12 akka cufaman taasiifamuu ibsaniiru.

Manneen marnootaa 34’f ammoo of eeggannoon laatamuu dubbataniiru.

Dhaabbileen barnootaa dhuunfaa bulchiinsa magaalichaa keessatti argaman rakkoolee jiran furuun qulqullina barnootaa karaa mirkaneessuun adeemsa baruu fi barsiisuu akka itti fufan qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.