Fana: At a Speed of Life!

Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf barnoonni Siyaasarraa adda ba’uu qaba jedhame

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FBC) – Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf barnoonnii fi Siyaasni adda ba’uu qabu Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Naggaan ibsan.

Proofeessar Birihaanuun Yuunvarsiitii Bahaar Daaritti hoggantootaa fi Hojjettoota yuunvarsiitichaa waliin mari’ataniiru.

Waggootaan shanan dhufaniitti damicha fooyyeessuuf dhimmoota hojjetamuu qaburatti mari’ataniiru.

Mindaa fi faayidaalee Barsiisotaa, imaammata Barnootaa fi qajeelfamoota dhaabbilee barnootaa waliin dhimmoota wal qabatanirratti marii taasiisaniiru.

Damicha fooyyeessuuf hirmaannaan hawaasaa barnootaa murteessaa ta’uu fi marii biyyaalessaa, Imaammataa fi galteewwanirratti xiyyeeffachuun hojjetamuu akka qabu Proofeesar Birihaanuun dubbataniiru.

Marii kanarratti hoggantoonni Olaanooon Ministeera Barnootaa fi preezdaantoonni Yuunvarsiitii Bahaar Daar hirmaataniiru.

Manneen barnootaa garee shorkeessaan ABUTtiin barbadaa’an deebisaanii akkaataa ijaaruun danda’amurrattis mari’atameera.

Naannoo Amaaraatti qofa Manneen barnootaa kuma 4 ol garee Shororkeessaa ABUTtiin barbadaa’uu himameera.
Daa’imman miiliyoona 1.9 barnootaa isaaniin ala ta’uus ibsameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.