Fana: At a Speed of Life!

Qormaatileen Ityoophiyaa muudatan karaa nagaan akka hiikkatu Ameerikaan deeggarsa barbaachisu ni taasiifti – Ambaasaaddar Tireesii An Jookoobsan

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) –Qormaatileen Ityoophiyaa muudatan karaa nagaan akka hiikkatu Ameerikaan deeggarsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Tireesii An Jookoobsan ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Tireesii An Jookoobsan waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan haala naannoo Tigraayitti uumamee fi badii gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiise ilaalchisee Ambaasaaddar Tireesii An Jookoobsaniif ibsa laataniifiru.

Mootummaan yeroo ammaa lammiilee naannoo Tigraay haala rakkisaa keessa jiraniif dhiyeessii qorichaa fi midhaan nyaataa sirnaan qaqqabsiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Deeggarsi namoomaa kun cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Ambaasaaddar Tireesii An Jookoobsan gama isaaniin,Ameerikaan qormaatileen Ityoophiyaa muudatan karaa nagaan akka hiikkatu deeggarsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu ibsaniiru.

Hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa sadarkaa fooyya’aatti ceesiisuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.