Fana: At a Speed of Life!

Qormaatilee yeroo ce’uun badhaadhina Itoophiyaa fi tokkummaan uummata ishee ni mirkanaa’a-Aadde Adaanecha Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)-Qormaatilee yeroof mul’atan hundaa ce’uun badhaadhina Itoophiyaa fi tokkummaan uummata ishee akka mirkanaa’u Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Aadde Adaanecha miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Bitootessi 24 guyyaa bu’uurri jijjiiramaa itti kaa’ame ta’uu fi kanaaf ammoo Finfinneen ragaadha jedhan.

“Har’as qormaanni baay’atus amaanaa uummataa yoomiyyuu hin dagannu; kabajni keenya uummata keenya haqummaan tajaajiluudha” jedhan.

Qormaatilee yeroo, hunda ce’uun badhaadhina Itoophiyaa fi tokkummaan uummata ishee akka mirkanaa’u amnataa qabaan ibsuun yeroon dhufu abdii ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.