Fana: At a Speed of Life!

Qormaata kutaa 12ffaa bara 2014 haala milkaa’ina qabuun laachuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Ministeerri Barnootaa Qormaata kutaa 12ffaa bara 2014 dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti kannamuuf qophii barbaachisu xumuruu beeksise.

Ministeerichi hannaa fi walirraa waraabuu qormaataa hambisuuf qormaanni seensa Yuunvarsiitii kun dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti akka laatamu murteessuun kan yaadatamuudha.

Kanaafis yeroo ammaa qophiin barbaachisu hundi xumuramuu ibseera.

Qajeelfamawwan kaa’ame kabajuun barattoonni iddoolee itti ramadamanitti akka argaman maatiin barattootaa qooda isaanii akka bahan Ministeerri Barnootaa gaafateera.

Qonjiit Zawdeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.