Fana: At a Speed of Life!

Qormaata ba’iinsaa kan fudhatan keessaa %40.65 qabxii darbiinsaa galmeessaniiru-Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Adoolessa 8, 2015 (FBC)-Barattoota qormaata ba’iinsa Yuunivarsiitii fudhatan kuma 61 fi 54 keessaa %40.65 qabxii darbiinsaa galmeessuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Saamu’eel Kifleen ibsa kennaniin, Waxabajjii 30, 2015 eegalee guyyoota 6’f kennamaa kan ture qormaanni ba’iinsa Yuunivarsiitii milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.

Qormaaticha ni fudhatuun kan tilmaamaman barattootaa kuma 240 keessaa barattoonni kuma 194 fi 239 ga’umsi isaanii mirkanaa’ee qormaataaf galmaa’uu dubbataniiru.

Kana keessaa dhaabbilee mootummaa 48 keessaa barattoonni kumni 84 fi 627 fi dhaabbilee barnootaa dhunfaa 171 keessaa barattoonni kuma 109 fi 612 qormaata ba’iinsaa fudhachuuf galmaa’uu himaniiru.

Qormaaticha fudhachuuf kanneen galmaa’an keessaa dhaabbilee mootummaa keessaa barattoonni kuma 77 fi 981 akkasumas dhaabbilee dhuunfaa keessaa barattoonni kuma 72 fi 203 walumaagalatti barattoonni kumni 150 fi 203 qormaaticha fudhataniiru jedhan.

Kanneen keessaas barattoonni kuma 61 fi 54 yookaan %40.65 qabxii darbiinsaa galmeessuu eeraniiru.

Dhaabbileenis bu’aa qormaataa barattootaa erguu eegaluu himaniiru.

Addisuu Muluneetu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.