Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni sagantaa fooyya’iinsa dandeettii yeroo dhiyootti ni laatama – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) – Qormaanni sagantaa fooyya’iinsa dandeettii yeroo dhiyootti waan laatamuuf qoramtoonni qophii akka taasisan Ministeerri Barnootaa gaafate.

Qormaanni sagantaa fooyya’iinsa dandeettii Hagayyaa 23- 26, 2015tti laatamuuf ture dheerachuun qophiin taasifamu xumuramuu dhabuun ta’uu Ministeerichatti Dursaan garee Dhimmoota Akkaadaamii Dooktar Eebbaa Mijanaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Hojiileen qophii duraa akkuma xumurameen qormaatichi yeroo dhiyoota kan laatamu waan ta’eef qoramtoonni qophii akka taasiisan yaadachiisaniiru.

Barattoonni dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa barnoota dandeettii cimsuu hordofaa turan yeroo darbe qormaata hin fudhanne kuma 46tti hiiqaan qormaata kana kan fudhatan ta’uu mirkaneessaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.