Qormaanni nu mudatuus darbeera-Aaddee Loomii Badhoo
Finfinnee, Adooleesssa 9, 2013 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 14ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira.
Filannoon haala diimookiraasii,karaa nagaa fi tasgabbiitiin xumuuramuusaa yaa’ii kana adda isa taasisa jedhan Afa yaa’iin Caffee Oromiyaa Aaddee Loomii Badhoon.
Uumata keenya galma gahiinsa kanaaf shoora waan taphataniif ni galateeffanna jedhan.
Amantaa fi imaanaa ummanni nuuf kenne waadaadhaan ni raawwanna jedhaniiru.
Hojiin proojektootaa haala gaariin gaaggeeffamuu ibsaniiru.
Caffeen Oromiyaa hojiilee misoomaa hojjatan hordoofaa tureera, kanaaniis milkaa’ina argamsiiserra.
Raayyaa ittisaaf beekkamtiin addaa kennameefira.
Kanaaniis tajaajiila uummataa naannoo Oromiyaa keessatti kennamu dursamee akka kennamu fi guulantaa isaanii dura jecha “Goota”jedhu itti dabalamee akka waamamu murtaa’eera.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.