Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa magaalaa Finfinnee Waxabajjii 23 – 25,2013 laatama jedhame
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Qormaata naannoo kutaa 8ffaa magaalaa Finfinnee Waxabajjii 23-25,2013 laatamuuf qophiin duraa xumuramuu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksiise.
Biirichi qophii taasiifamaa jiru ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin gamaaggama taasiiseera.
Qormaanni kun milkiin akka xumuramu qaamoleen sadarkaan jiru qophii taasiisan ilaaluun barbaachisaa ta’uu gorsaan Damee Hawaasummaa Kaantibaa magaalichaa obbo Xilahuun Fiqaaduun himaniiru.
Koomaand Poostiin hundaa’ee yeroon gara hojiitti galuun milkaa’iin qormaatichaaf faayidaa olaanaa qabaachuu eeruun, hanga qormaanni kun xumuramutti qaamni hundi xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhan.
Hoggantoonni Waajjira Barnootaa kutaalee magaalaa Finfinnee qophii jiru ilaalchisee yaada dhiyeessaniin qophiin duraa guutumaan guutuutti xumuramuu ibsaniiru.
Barattoonni qormaata fudhatan hundi biqiltuu tokko tokko akka dhaaban qophiin xumuramuu ragaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.