Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni Kutaa 8ffaa milkaa’inaan xumuramuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Qormaanni naannoo Kutaa 8ffaa guutuu biyyattiitti laatamaa ture milkaa’inaan xumuramuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Adeemsa kenniinsa qormaatichaarratti rakkoon mudate kan hin jirre ta’uu Ministeerichatti Daayrektarri Sabquunnamtii fi koominikeeshinii aadde Alamwarq Hizqeel ibsaniiru.

Barattoonni qormaaticha bifa naamuusa qabuun fudhachuu ibsuun, Biirolee Barnootaa naannolee fi bulchiinsota magaalaa akkasumas qaamolee qormaatichi milkaa’inaan akka xumuramuuf ga’eesaanii ba’atan galateeffataniiru.

Yeroo itti aanutti qormaata kutaa 12ffaa haala milkaa’ina qabuun kennuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa Waxabajjii 27,2014 irraa eegalee walitti fufiinsaan guyyoota sadiif kennamaa turuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.