Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni Kutaa 12ffaa marsaa 2ffaan Mudde 18-21,2015tti ni kennama jedhame

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Qormaanni Kutaa 12ffaa marsaa 2ffaan Mudde 18-21,2015tti kan kennamu ta’uu Tajaajilli Madaallii Qormaataafi Barnootaa beeksise.

Qormaaticharratti kan hirmaatan qormaata marsaa jalqabaa sababa da’umsaa yookiin ulfaa qoramuu warreen hin dandeenye, seera jala yookaan ammoo manneen amala sirreessaa keessa ta’anii haala tureen fayyadamuu hin dandeenye, Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaafi Humna Addaa Naannolee ta’anii yerichatti dirqamaarra turan ta’uu eeramera.

Kana malees sababa dhukkubaa yookaan ammoo rakkoo humnaa oliin osoo hin qoramiin hafaniifi Yuuniivarsiitii Hawaasaatti riqichi jigee balaa mudateen qormaaticha hin fudhatiin hafan kan qoraman ta’uu ibsameera.

Dabalataan sababa rakkoo Yuunivarsiitii Dabra Taaboritti uumameen qormaata tokko akka qoraman eeyyamameef akkasumas warreen rakkoolee eeyyama argataniin akka qoramaniif murteeffameef qormaaticharratti kan hirmaatan ta’uu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Barattoonni qormaaticha fudhatan qophii barbaachisaa akka taasisan tajaajilichi yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.