Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni Kutaa 12ffaa karaa nagaan akka xumuramu qophii gahaan taasiifame – Humni Walichaa

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Qormaanni Kutaa 12ffaa bara kanaa karaa nagaan akka xumuramu qophii gahaan taasiifamuu Humni waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksiise.

Qormaanni kutaa 12ffaa biyyaalessaa bara 2016 Adoolessa 3 -11, 2016 kennamu milkiin akka xumuramu qophii gahaan taasiifamuu humni walichaa himeera.

Qormaatichi rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka xumuramu hawaasni tumsa barbaachisu akka taasiisu waamicha dhiyeesseera.

Keessattuu waayita haalota nama shakkisiisaan argan karaa moosaajii (EFPApp) hirmaannaa ummataaf qophaa’een eeruu akka kennan gaafateera.

Akkasumas sarara bilbilaa bilisaa 991 odeeffannuu laachuun tumsa barbaachisu akka taasiisan humni walichaa gaafateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.