Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni kutaa 12ffaa bara 2013 sababa nageenyaatiin bakka bakkatti osoo hin kennamiin hafe laatamu eegale

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Qormaanni kutaa 12ffaa bara 2013 sababa nageenyaatiin bakka bakkatti osoo hin kennamiin hafe Amajji 24 hanga  27 bara 2014’tti laatamuu eegaluu  Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.

Godinaalee Qellam Wallaggaa, Wallaggaa Lixaa, Wallaggaa Bahaa fi Shawaa Lixaa keessatti Manneen Barnootaa 55, aanaalee 17 keessatti sababa nageenyaatiin barattoonni qormaata fudhachuuf rakkoo keessa turan jedhame.

Qormaata kana naamusa eegamuu qabu kabajuun barattoonni akka fudhatan kan gaafate Biiroon Barnootaa Oromiyaa, caasaan barnootaa, bulchiinsaa fi qaamoleen nageenyaa qophiin barbaachisu hunda xumuruun hojiitti galuu ibsameera.

Oromiyaatti barattoonni kuma 21 caalan qormaanni kutaa 12ffaa bara 2013 osoo hin qoramiin turusaanii Biirichi beeksiseera.

Dabalataniis naannoo Amaaraatti qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa sababa weerara gareen shororkeessa ABUT gaggeesseen osoo hin laatamaniin hafee eegaluu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.