Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaan milkiin xumurame

Finfinnee, Bitooteessa 2, 2013 (FBC) – Iddoowwan rakkoon nageenyaa turanitti barattoonni qoramaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan firiin darbiinsa qormaaticha dhiibbaa xinsammuu ture yaada keessa galchuun kan murta’uu ta’uu Ministeera Barnoota beeksiseera.
Ministeerichi qormaanni seensa yuunvarsiitii kutaa 12ffaa bara kanaa milkiin xumuramuu beeksiseera.
Qormaatichi osoo hin hatamiin xumuramuu ministeerichi ibseera.
Akka ibsa Ministeerichatti barattoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 58 qormaaticha fudhataniiru.
Qormaatichi iddoowwan rakkoo nageenyaa ture naannolee Tigraayii fi Beenishaangul Gumuuz godina Matakkal dabalatee guutuu biyyattitti laatameera.
Iddoowwan rakkoon nageenyaa turanitti barattoonni qormaata fudhatan dhiibbaa xinsammuutin walqabsiisee haalli madallii firii qormaatichaa yaada keessaa ni galfamaa jedhameera.
Barattoonni bara kana qormaaticha fudhatan barrii barnoota isaanii akka hin qisaasneef gara yuunvarsiitii akka galaniif firiin qormaatichaa dhiyeenyatti ni ifooma jedhameera.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.