Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa rakkoo malee akka xumuramuuf qophii gahaan taasiifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC) – Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa rakkoo malee akka xumuramuuf qophii gahaan taasiifamaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.

Poolisiin Federaalaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa ilaalchisee qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.

Sirna barnootaa fooyyessuuf hojiileen Ministeerri barnootaa hojiin hojjetaa jiru jajjabeessaa ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.

Qormaanni bara kanaa nagaan akka xumuramu Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannolee waliin hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Qormaatichi milkiin akka xumuramu qooda fudhattoonni hundi gahee isaanii akka bahan yaadachiisuu ragaan Poolisii Federaalarraa argame ni mul’isa.

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 waraqaa fi Onlaayiiniin Yuunivarsiitiwwanitti kan kennamu yoo ta’uu, Adoolessa 3, 2016 eegalee kennama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.