Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa milkaa’inaan xumuramuu Humni Waloo beeksise

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)- Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Adoolessa 13, 2016 eegalee sadarkaa biyyaalessatti kennamaa ture rakkoo tokko malee milkaa’inaan xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa beeksise.

Humnichi qormaata dabaaluun giddugaloota qormaanni itti kennamu qaqqabsiisuu fi barattootaaf eegumsa barbaachisaa taasisuun qormaatichi rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramu taasisuu humnichi waloo ibseera.

Milkaa’ina kanaaf hawaasnii fi maatiin barattootaa gumaacha taasisaniif, akkasumas qaamolee nageenyaa ergamaa itti kenname ga’umsaan ba’atan Humnichi Waloo galateeffateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.