Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa har’a kennamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)-Qormaanni biyyaalessaa Kutaa 12ffaa kennamuu eegaaleera.

Har’a qormaata kennamuu eegaleen barattoonni Saayinsii Hawaasummaa Yuunivarsiitii ramadamanitti fudhachaa jiraachuun eerameera.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan qormaaticha wayita eegalchiisanitti yeroo jalqabaaf qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa oonlaayinii fi waraqaan kennamuu eegaluu dubbatan.

Qormaanni karaa oonlaayinii fi warqaan kennamuu eegale akka biyyattii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf karoora qabame keessaa tokko ta’uu ibsan.

Sadarkaa biyyaalessaattis qormaatichi kennamuu eegaluu himaniiru.

Qormaanni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Barattootaa Saayinsii Hawaasummaa Adoolessa 3-5, 2016tti kan kennamu yoo ta’u, barattoonni kuma 700 ol qormaaticha oonlaayinii fi waraqaan kan fudhatan ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.