Fana: At a Speed of Life!

Qorichaalee fi galteewwan wal’aansaa biyya keessatti oomishuuf haalli mijataan umameera-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2016 (FBC)-Qorichaalee fi galteewwan wal’aansaa biyya keessatti oomishuuf haalli mijataan umamuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad agarsiisaa innooveeshinii fi galteewwan wal’aansa biyyaa keessaa jalqabsiisaniiru.

Dooktar Abiy haasawaa taasisaniin, agarsiisichi baastotaa imammataa, raawwachiistota fi marii paanaalii oomishtoota dabalatee waljijjiirraa muuxannoo akka taasisaan akeekaniiru.
Yeroo ammaa qorichaalee fi galteewwan wal’aansaa %36 oomisha biyya keessaan uwwisuun akka danda’ame kaasaniiru.

Agarsiisni mata duree “Fayyaa keenyaa oomisha keenyaan” jedhuun baname kun walta’iinsa Ministeera Fayyaa fi Waldaa Oomishtota Qorichaalee Itiyoophiyaan kan qophaa’e ta’uun eerameera.

Agarsiisa guyyoota 6’f turu kanarratti oomishtoonni damichaa 110 akka hirmaatan ibsameera.

Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.