Qorichaa fi meeshaalee yaala Fayyaa bituuf qophiin xumurameera – Ministeera Fayyaa
Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC) – Baajata Birrii biiliyoona 12 ol ramaduudhaan qorichaafi meeshaalee yaala fayyaa bituuf qophiin xumuramuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Ministeerri Fayyaa akka biyyaatti qondaaltota damee fayyaa fi qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu kuma 5 ol waliin dhiyeessii fi dhaqqabummaa dhiyeessii meeshaalee fayyaa, akkasumas bulchiinsa fi itti fayyadama odeeffannoo irratti mari’achaa jira.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan rakkoolee dhiyeessii qorichaafi meeshaalee yaala fayyaa waliin walqabatan furuuf baajatni Birrii biiliyoona 12 ol ramadamuu beeksisaniiru.
Dhaqqabummaan dhiyeessii qorichaa fi galteewwan fayyaa murteessaa ta’uu kaasuun rakkooleen mul’atan yeroo itti aanutti furmaata akka argatan ibsaniiru..
Dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee fayyaa ilaalchisee komiiwwan ka’aniif sadarkaa Ministeeraatti deebii kennuuf tattaaffiin jiru gaarii ta’uus hirmaattonni marichaa dubbataniiru.
Isheetuu Walda Mikaa’eltu gabaase.