Fana: At a Speed of Life!

Qorattoonni Yuunivarsiitii Finfinnee qoricha dhibee Muka Bunaa gogsu ittisu argatan

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Qorattoonni Yuunivarsiitii Finfinnee qoricha dhibee Muka Bunaa gogsu ittisu argachuu beeksiisaniiru.
Qorattoonni Yuunivarsiitii Finfinnee qoricha dhukkuba Muka Bunaa ittisuu danda’u fangasii baayooloojii fayyadamuun argachuu isaanii beeksisaniiru.
Argannoon qorattoota kanaa kun Ityoophiyaan Dhibee Bunaa dabalatee dhibeewwan Biqiltuu garaagaraa ittisuuf qoricha alaa galchitu Fangasii ‘Tiraayikoodaarmaa’ jedhamu bakka bu’uuu kan danda’u ta’uu ibsameera.
Qorannoon kun waggoota dheeraa kan fudhate yoo ta’uu, qorattoonni Digirii 2ffaa fi 3ffaa irratti hirmaataniiru.
Qorichichi Keemikaala osoo hin fayyadamin Fangasii fayyadamuun dhibeewwan biroo ittisuuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.