Fana: At a Speed of Life!

Qorannoon jalqabaa bu’aa qabeessuummaa Proojektii Baabuuraa Ityoo – Sudaan dhiyaate

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)  – Qorannoon jalqabaa bu’aa qabeessummaa Proojektii Baabuuraa Ityoo – Sudaan dhaabbata gorsaa Kaanaadaa CPCS traansikoom jedhamuun dhiyaateera.

Kiloo meetira kuma 1 fi 522 kan dheeratu proojektiin Baaburaa Ityoo –Sudaan Finfinnee fi  Kaartum kan  walqunnamsiisuudha.

Boordiin Daayreektarootaa Baankii Misooma Afrikaa qorannoo bu’aa qabeessummaa proojektii Ityoo – Sudaaniif kan oolu Doolaara miiliyoona 1.2 Ityoophiyaaf deeggarsa raggaasiisuun isaa kan yaadatamuudha.

Kaayyoon qorannoo kanaa daandii Baaburaa faayidaa diinagdee, hawaasummaa fi Siyaasaa olaanaa qabu diriirsuuf ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogas Fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.

Proojektiin Baabuuraa kun imaammata Loojistikii, fedhii konistiraakshinii neetworkii baabura biyyaalessaa, sarara geejjiba galaana idil addunyaa fi guddina diinagdee fi  hawaasummaa itti fufiinsa qabu irratti kan hundaa’e ta’uu dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.