Qorannoo raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2016, guyyoota afran darbaniif taasisaa turre har’a goolabne – Pir.Shimallis Abdiisa
Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Qorannoon raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2016, guyyoota afran darbaniif taasifamaa ture goolabamuu Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Qorannoo kanaan madaallii kurmaanichaa cinaatti, raawwii qajeelfamootafi sirreeffamoota gamaaggama kurmaana 1ffaa irratti kennaman gadifageenyaan xiinxalameera jedhan.
Kanaanis, ga’uumsafi harcaatii karoora keenyaa adda baafnee jirra.
Bu’uuruma kanaan, toora xiyyeeffannoo kurmaanota dhufanii kallattii kaa’uun gammaggama kurmaana kanaa xumurreera jechuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.