Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo dorgomaa fi hawwataa taasisuuf ga’een Institiyuutichaa olaanaa ta’uu ibsame
Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo karaa saayinsaawaa fi bilchina qabuun gaggeessuun dorgomaa fi hawwataa taasisuuf ga’een Institiyuutii Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo olaanaa ta’uu ibsameera.
Qorannoo gaggeeffamu dorgomaa fi hawataa taasisuu fi bu’aalee qorannoo akkaataa barbaadameen ummata Oromoo fayyadamaa taasisuuf ga’een Institiyuutichaa olaanaa ta’uu Daayrektarri Olaanaan Institiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo, Obbo Dirribaa Tarrafaa ibsaniiru.
Instiitiyuutichi Hanqinoota qorannoo fi qo’annoo Oromoo irratti mul’atan furuu keessatti qoodni isaa olaanaa ta’uu kaasaniiru.
Inistiitiyuutichaan bara kana mata dureewwan buleeyyii fi haaraa 40 irratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himuu isaanii OBN gabaaseera.
Inistitiyuutichi dhimmoota gurguddaa afur, Afaan Oromoo, Seenaa Oromoo, Aadaa Oromoo fi Aartii Oromoorratti hojii qorannoo kan gaggeessuudha.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.