Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 11 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 11 irratti vaayrasiin koroonaa argame.

Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 2424 qoratameera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 261 qaqqabeera.

Namoonni vaayrasichi irratti argame hunduu Ityoophiyaanota yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira yoo ta’an hundi isaanii seena imala biyya alaa kan qabanidha..

Umriin isaaniis 19 hanga 47 ta’uu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Namoota vaayrasichi irratti argame keessaa 1 naannoo Tigraay (tursa addaa keessaa), 8 naannoo Afaar (tursa addaa keessaa), 1 naannoo Amaaraa (tursa addaa Axaayee), 1 ammoo naannoo Somaalee jigjigaadhaayi.

namoonni 1 dhibicharraa dandamataniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dandamatan 106 qaqqabaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.