Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24tin namoonni 25 vaayrasichaan qabamaniiru

Finfinnee, Eebila 29, 2012 (FBC) – Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 keessatti gaggeeffameen namoonni 25 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.
 
Sa’aa 24 keessatti qorannaan gaggeeffame samuudaa namoota 1843.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan qabaman 187 qaqqabaniiru.
 
Namoota vaayrasichaan qabaman 25 keessaa; 3 seenaa imala biyya alaa kan qaban, 3 tuttuqqii kan qabanii fi 19 ammoo seenaa imala biyya alaas ta’e tuttuqqii kan hin qabnedha jedheera Ministeerri Fayyaa FDRI.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan akka beeksisanitti namoonni 25 Ityoophiyaanota.
 
Isaan keessaa 24 dhiirota yoo ta’an, 1 dubartiidha.
 
Umriin isaaniis 17 amma 65 keessatti argama.
 
Diigdamii shanan keessaa 21 jiraattota magaalaa Finfinnee, 2 jiraattota naannoo Kibba godina Hadiyyaa fi Kambaataa, 2 jiraattota godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinneeti.
 
Amma ammaattis qorannoowwan laabraatoorii 28,360 gaggeeffamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.