Fana: At a Speed of Life!

Namoonni 25 vaayrasicharraa dandamatan

Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaarraa dandamatan 25 qaqqabuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisan.
 
Qorannaa namoota 933 sa’aa 24 keessatti gaggeeffameen nama tokkorratti vaayrasichi argamuu beeksisaniiru.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 117 vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u, kan dandamatan 25 qaqqabuu eeraniiru.
 
Kaleessaa fi har’a namoota qorannaan laabraatoorii taasifameef 1,898 keessaa nama tokko qofarratti vaayrasichi argamuu Dooktar Liyaan himaniiru.
 
Kun ammoo weerarri vaayrasichaa hir’achuus ta’e, hawaasa jidduu jiraachuu dhabu kan ibsuu miti jedhan.
 
Ammas of eeggannoon taasifamu cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.